Akaakuu gaalee

                                           A. Gaalee Maqaa 

Gosa gaalee himuudhaaf jecha gaalee sana keessatti mataa ta’ee gale beekuu qabna. Kanaafuu maqaa gaalee kan murteessu jecha gaalee san keessatti mataa ta’ee galeedha. Kana jechuun mataan gaalee sanaa maqaa yoo ta’e, gaalee maqaa, mataan gaalee sanii gochima yoo ta’e, gaalee gochimaa, kanneen biroofis akkasuma. Fkn. Gammachuun mana ijaare. Gaalee kana keessatti mataan maqaa mana jedhu ta’a. kanneen mataa waliin jiran immoo miiltoodha.(Geetaachoo, 2014)

                                            B. Gaalee Maqibsaa

Caasaa gaalee maqibsii keessatti mataan gaalee sanaa maqibsiidha. Kana jechuun maalummaa gosa gaalee tokkoo kan murteessu mataa waan ta’eef, mataan gaalee maqibsii maqibsii ta’e. fkn. Caalaan akkuma abbaa cimaadha. Mataan gaalee kanaa maqibsii cimaa jedhu ta’a. Sababiin isaas xiyyeeffannoon gaalee maqibsii kanaa cimina caalaa irratti waan ta’eef. (Geetaachoo, 2014:71)

                                         C. Gaalee Gochimaa

Gaalee tokkoon gaalee gochimaa jechuuf jechi gaalee sana keessatti mataa ta’ee gale gochima ta’uu qaba. Gaalee gochimaa ilaaluun dura himni tokko qaamolee inni qabu haalaallu. Himni qaamolee gurguddoo gaalee maqaafi gaalee xumuraa/gochimaa kan ofkeessaa qabu yommuu ta’u, gaaleewwan kunniin gaalee xixiqqoo kanneen biroo ofjalaa qabaachuu ni danda’u. fkn. Margaan bishaan dhuge. Himni kun gaalee maqaa ‘Margaan’ jedhuufi gaalee xumuraa ‘bishaan dhuge’ jedhan ofkeessaa qaba.(Geetaachoo, 2014)

                                       D. Gaalee Gochibsaa

Gaaleen gochibsii/xumibsii gaalee mataan isaa gochibsii ta’eedha. Gaalee gochibsii gaaleewwan biroo irraa wanti adda isa taasisu miiltoo dhabuu isaati. fkn. Guutaan har’a dhufe. Hima kana keessatti jechi gurraacha’e gochibsiidha. (Geetaachoo, 2014)

                                     E. Gaalee Durduubee

Gaaleen tokko gaalee durduubee jedhamuuf mataan isaa durduubee ta’uu qaba. Gaaleen durduubee akka gaalee gochibsii osoo hintaane, miiltoo ni qaba. Miiltoon mataa gaalee durduubee gareewwan jechootaa adda addaa ofkeessaa qaba. Fkn. Caaltuun atattamaan dhufte. Hima kana keessatti jechi gurraacha’e gaalee durduubeeti. (Geetaachoo, 2014:73)

                                      F. Ciroo

Ciroon sadarkaa balballoomsa xinqooqaa keessaa isa tokko ta’ee, caasaa yoo xiqqaate gochima ofirraa qabuudha.Caasaan kunis matima ykn gochimatti suuqamuun odeeffannoo dabalataa kenna.Ciroo bakka garagaraatti qooduu nidandeenya.Dhaabbii isaaniitiin, ciroowwan Afaan Oromoo hirkataafi ofdanda’aa jedhamuun qoodamu.Akkasumas, bakka itti argama isaanii bu’uureffachuun ciroo guuttuufi ciroo firoomsee jedhamuun qoodamuu danda’u (Addunyaa 2010; Abarraafi Kaawwan, 1998; Gabbaroo, 2007).Kunis ciroon dhaabbiifi bakka argamaatiin qoodamuu danda’uu ibsa. Kanaaf ciroon matima ykn gochima waliin galuun odeeffannoo dabalataa kan kennu ta’ee, dhaabbiifi bakka argama isaatiin qoodamuu danda’a.

                                                                      By Soresa Getacho

Post a Comment

Previous Post Next Post