
Kitaabni’caasluga Afaan Oromoo’ jedhu Maclin (1996)
wabeeffachuun akka ibsutti gaaleen jechoota lamaafi isaa ol kanneen akka qaama
tokkootti socho’an irraa kan ijaaramuudha jechuun hiika. Hiikni kun amala
gaalee tokkoo waan mul’isuuf, fooyya’aa ta’uu mala. Haata’u malee, gaalee
jedhamuuf waliin argamni jechootaa dirqama miti. Jechi tokkos gaalee jedhamuu
waan danda’uuf, hiikni olii kunis qeeqa jalaa miliquu hindandeenye. Addunyaa
(2010).
By Soresa Getacho